LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 21:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Namni rukutee nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.+ 13 Garuu namichi kana kan godhe utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi Waaqni dhugaanis kun akka taʼu yoo heyyame, bakka inni itti baqatu siif nan qopheessa.+

  • Keessa Deebii 19:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Nama nama ajjeesee lubbuu isaa oolfachuuf achitti baqatu ilaalchisee wanti godhamuu qabu kana dha: Namni sun utuu itti hin yaadin nama rukutee yoo ajjeese, innis duraan nama sanaaf jibba hin qabu yoo taʼe,+ 5 fakkeenyaaf, namichi nama sanaa wajjin qoraan funaanuuf gara bosonaa seenee qottoodhaan muka muruuf harka isaa yommuu kaasutti, sibiilli qottoo sun muka isaa irraa buqqaʼee nama sana rukutee yoo ajjeese, namni nama ajjeese sun lubbuu isaa oolfachuuf magaalota kana keessaa gara isa tokkootti haa baqatu.+

  • Iyyaasuu 20:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Magaalota itti baqatan+ warran waaʼee isaanii karaa Musee dubbadhe ofii keessaniif filadhaa; 3 namni utuu itti hin yaadin yookiin akka tasaa* nama ajjeese* achitti ni baqata. Isaanis bakka nama haaloo baʼu+ jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi