-
Iyyaasuu 20:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Namni kun magaalota kana keessaa gara ishii tokkootti baqatee,+ karra magaalattii+ dura dhaabbatee dhimma isaa jaarsolii magaalattiitti haa himatu. Isaanis magaalattiitti isa galchanii iddoo jireenyaa isaaf haa kennan; innis isaanii wajjin ni jiraata. 5 Namni haaloo baʼu isa hordofee yoo dhufe, isaan nama haaloo baʼu sanatti dabarsanii isa kennuu hin qaban; sababiin isaas, inni namicha kan ajjeese akkuma tasaa ti,* akkasumas sana dura nama sanaaf jibba hin qabu ture.+
-