-
Iyyaasuu 21:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Akka kanaan Israaʼelonni akkuma Yihowaan karaa Musee ajajee turetti,+ magaalota kanaa fi iddoowwan dheedichaa isaanii carraadhaan Leewwotaaf ni kennan.
-
-
1 Seenaa Baraa 6:77, 78Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
77 Meraarota warra hafaniif gosa Zaabiloon+ irraa, Rimoonoo iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Taabor iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni ramadan; 78 Yordaanos irraa gara bahaatti naannoo Yordaanos isa Yerikootti argamutti, gosa Ruuben irraa Beezer ishii lafa onaa keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaahaaz+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,
-