19 Haa taʼu malee, Ooziyaan inni ixaana aarsuuf qodaa ixaanaa harka isaatti qabatee ture ni dheekkame;+ utuma inni lubootatti dheekkamaa jiruus, mana Yihowaa keessatti iddoo aarsaa ixaanaa biratti luboota duratti dhukkubni nadaayii+ adda isaa irratti baʼe.