-
Lakkoofsa 26:63, 64Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
63 Kanneen kun warra Musee fi Eleʼazaar lubichi yeroo gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos biratti argamu keessatti Israaʼelota galmeessanitti galmaaʼan sana dha. 64 Haa taʼu malee, namoota yommuu Musee fi Aaron lubichi lafa onaa Siinaa keessatti Israaʼelota lakkaaʼanii turanitti galmaaʼan keessaa namni tokko illee warra galmaaʼan kana keessatti hin argamu ture.+
-
-
Keessa Deebii 1:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 ‘Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko illee biyyattii gaarii ishii ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sana hin argu;+
-
-
Faarfannaa 95:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsa kootiin,
“Isaan gara boqonnaa kootti hin galan”+ jedheen kakadhe.
-
-
Faarfannaa 106:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Kanaafuu, inni lafa onaa keessatti akka dhuman gochuuf
Waaʼee isaanii harka isaa ol kaasee kakate;+
-
Ibroota 3:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Warri inni gara boqonnaa isaatti akka hin galle itti kakate eenyufaa turan? Warra ajajamuu didan sana hin turree?
-
-
-