26 Beekumsa dhugaa isa sirrii erga argannee booda, taʼe jennee cubbuu hojjechuu yoo amaleeffanne,+ sana booda aarsaa kan biraan cubbuu keenyaaf dhihaatu hin jiraatu;+ 27 kanaa mannaa, murtii sodaachisaa isa akka dhufu eegamuu fi dheekkamsa bobaʼu isa warra morman sana gubutu jiraata.+