-
Lakkoofsa 18:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Atii fi ilmaan kee hojiiwwan luboota taʼuudhaan raawwattan warra iddoo aarsaa fi wanta golgaa keessa jiruu+ wajjin wal qabataniif itti gaafatamummaa qabdu; isin tajaajila kana raawwachuu qabdu.+ Tajaajila lubummaa kennaa godhee isiniif kenneera; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu achitti yoo dhihaate haa ajjeefamu.”+
-
-
2 Seenaa Baraa 26:16-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide; iddoo aarsaa ixaanaa irratti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Yihowaatti seenuudhaan Waaqa isaa Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.+ 17 Azaariyaan lubichii fi luboonni Yihowaa onnatoo taʼan 80ni kaan yeruma sana isa duukaa buʼanii gara keessaatti seenan. 18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.
-