21 “Ani hatattamaan haxaaʼee akkan isaan balleessuuf, tuuta kana gidduudhaa adda of baasaa.”+ 22 Isaanis adda isaaniitiin lafatti gombifamanii, “Waaqa hafuura nama hundumaa kan taate yaa Waaqayyo,+ cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe guutummaa yaaʼichaa irratti ni dheekkamtaa?”+ jedhan.