19 sababiin isaas, wanti dhuma irratti namoota irra gaʼuu fi horii irra gaʼu jira; wanti hunda isaanii irra gaʼu tokkuma.+ Akkuma inni tokko duʼu, inni kan biraanis ni duʼa; hundi isaanii hafuuruma+ tokko qabu. Wanti hundi gatii kan hin qabne waan taʼeef, namni horii irra caalmaa hin qabu.