- 
	                        
            
            Baʼuu 14:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
25 Gaariiwwan fardaa isaanii oofuun rakkisaa akka isaanitti taʼuuf, inni geengoo gaariiwwan fardaa sana ni bubuqqise; warri Gibxiis, “Yihowaan, warra Gibxii isaaniif lolaa waan jiruuf, kottaa Israaʼelota jalaa haa baqannu” jedhan.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            1 Saamuʼel 4:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
8 Nuuf wayyoo! Harka Waaqa humna qabeessa taʼe kana jalaa eenyutu nu oolcha? Waaqni inni warra Gibxii lafa onaa keessatti dhaʼicha adda addaatiin rukute isa kana dha.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Izraa 1:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.
 
 -