-
Lakkoofsa 27:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Atis biyyattii erga argitee booda akkuma obboleessa kee Aaron+ gara saba keetti walitti ni qabamta;*+ 14 sababiin isaas, yeroo yaaʼichi lafa onaa Ziin keessatti ana lolaa turetti, yommuun bishaan isiniif kennetti isin dambii koo irratti finciltaniittu; yaaʼicha durattis ana hin qulqulleessine.+ Kun bishaan Mariibaa+ isa Qaadeesh+ ishii lafa onaa Ziin+ keessatti argamtu keessa jiru dha.”
-
-
Keessa Deebii 34:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis Yihowaan akkana isaan jedhe: “Biyyi ani, ‘Sanyii keetiif nan kenna’+ jedhee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe kana dha. Ija keetiin akka ilaaltu nan godha; garuu achitti hin ceetu.”+
5 Sana booda Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akkuma Yihowaan jedhetti achuma biyya Moʼaab keessatti ni duʼe.+
-