-
2 Mootota 17:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Isaan ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hunda ni dhiisan; siidaawwan jabbilee lama sibiila irraa* ni tolchan;+ utubaa waaqeffannaa*+ tokkos ni hojjetan; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagadan;+ Baʼaaliinis ni tajaajilan.+ 17 Ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan ni guban;*+ falfala ni raawwatan;+ milkii ni ilaallatan; isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuuf dabarsanii of kennan.
-