LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 16:30, 31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe.

  • 1 Mootota 22:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaziyaan+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa lamaafis Israaʼeliin ni bulche.

  • 1 Mootota 22:53
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 53 Akkuma abbaan isaa godhe, Baʼaaliin tajaajiluu+ isaa, isaaf sagaduu isaa fi Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuu isaa itti fufe.+

  • 2 Mootota 10:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Sana booda Yehuun guutummaa Israaʼelitti dhaamsa erge; waaqeffattoonni Baʼaal hundis ni dhufan. Namni utuu hin dhufin hafe tokko illee hin turre. Isaanis gara mana* Baʼaalitti+ seenan; manni Baʼaalis qarqara gar tokkoo hamma qarqara isa kan biraatti guutee ture.

  • 2 Mootota 23:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis mootichi miʼawwan Baʼaaliif, miʼawwan utubaa waaqeffannaa*+ fi miʼawwan guutummaa raayyaa samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Yihowaa keessaa akka baasaniif Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe, luboota warra sadarkaa lammaffaa qabanii fi karra eegdota ni ajaje. Achiis Yerusaalemii alatti irraan gadee Qedroon irratti isaan ni gube; daaraa isaaniis gara Beetelitti+ geesse. 5 Akka kanaan, luboota waaqa ormaa warra mootonni Yihudaa iddoowwan ol kaʼoo magaalota Yihudaa fi naannoowwan Yerusaalem keessa jiran irratti aarsaa aarfamu akka dhiheessaniif muudan, akkasumas warra Baʼaaliif, aduudhaaf, addeessaaf, tuutawwan urjiilee zoodiyaakii fi guutummaa raayyaa samiitiif+ aarsaa aarfamu dhiheessan hojii isaanii irraa ni ariʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi