LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniif nan roobsa;+ lafattiinis firii ishii ni kenniti;+ mukeetiin dirree keessaas firii isaanii ni kennu.

  • Keessa Deebii 8:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii,+ biyya lageen* qabdu, biyya burqaawwanii fi fincaaʼaawwan* dirree keessa, akkasumas naannoo gaarotaa keessa yaaʼan qabdutti si galcha; 8 biyya qamadii fi garbuutti, biyya mukeetii wayiniitti, biyya mukeetii harbuutti, biyya romaaniitti,+ biyya zayitii ejersaattii fi biyya dammaatti,+ 9 biyya hanqinni midhaanii hin jirrettii fi ati homaa keessaa hin dhabnetti, biyya dhagoonni ishii sibiila qabanitti, biyya gaarota ishii irraa sibiila diimaa baafattuttis si galcha.

  • Keessa Deebii 28:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaan waqtii isaatti biyya keetiif bokkaa kennuu fi wanta gootu hundumaa eebbisuuf, gootaraa isaa isa gaarii, jechuunis samii siif ni bana.+ Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee, hin liqeeffattu.+

  • Ermiyaas 14:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Waaqolii tolfamoo sabootaa warra gatii hin qabne keessaa bokkaa roobsuu kan dandaʼu jiraa?

      Samiiwwan illee ofii isaaniitiin bokkaa roobsuu ni dandaʼuu?

      Waaqa keenya kan taate yaa Yihowaa, kana gochuu kan dandaʼu si qofa mitii?+

      Wantoota kana hundumaa kan raawwate si qofa waan taʼeef,

      Nuti si abdanna.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi