-
Lakkoofsa 20:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Boodas Yihowaan Musee fi Aaroniin, “Isin ana irratti amantii waan dhabdaniif, saba Israaʼel durattis waan na hin qulqulleessineef, gumii kana gara biyya ani isaaniif kennutti hin galchitan” jedhe.+
-
-
Lakkoofsa 27:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Atis biyyattii erga argitee booda akkuma obboleessa kee Aaron+ gara saba keetti walitti ni qabamta;*+ 14 sababiin isaas, yeroo yaaʼichi lafa onaa Ziin keessatti ana lolaa turetti, yommuun bishaan isiniif kennetti isin dambii koo irratti finciltaniittu; yaaʼicha durattis ana hin qulqulleessine.+ Kun bishaan Mariibaa+ isa Qaadeesh+ ishii lafa onaa Ziin+ keessatti argamtu keessa jiru dha.”
-
-
Keessa Deebii 3:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Yihowaan garuu sababii keessaniin baayʼee natti aaree waan tureef+ na hin dhageenye. Kanaa mannaa, Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Si gaʼa! Kana booda dhimma kana natti hin kaasin.
-