-
Lakkoofsa 27:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gaara Abaariim+ kanatti ol baʼiitii, biyya ani Israaʼelotaaf kennu ilaali.+ 13 Atis biyyattii erga argitee booda akkuma obboleessa kee Aaron+ gara saba keetti walitti ni qabamta;*+ 14 sababiin isaas, yeroo yaaʼichi lafa onaa Ziin keessatti ana lolaa turetti, yommuun bishaan isiniif kennetti isin dambii koo irratti finciltaniittu; yaaʼicha durattis ana hin qulqulleessine.+ Kun bishaan Mariibaa+ isa Qaadeesh+ ishii lafa onaa Ziin+ keessatti argamtu keessa jiru dha.”
-
-
Keessa Deebii 1:37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 (Yihowaan sababa keessaniin anatti iyyuu aaree akkana naan jedhe: “Atis achitti hin galtu.+
-
-
Keessa Deebii 3:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Yihowaan garuu sababii keessaniin baayʼee natti aaree waan tureef+ na hin dhageenye. Kanaa mannaa, Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Si gaʼa! Kana booda dhimma kana natti hin kaasin.
-
-
Keessa Deebii 32:51, 52Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
51 sababiin isaas, lamaan keessan iyyuu bishaan Mariibaa+ isa Qaadesh ishii lafa onaa Ziin keessatti argamtu keessa jiru biratti Israaʼelota gidduutti anaaf amanamoo utuu hin taʼin haftaniittu; isin saba Israaʼel duratti ana hin qulqulleessine.+ 52 Ati biyyattii fagoodhaa ilaalta malee, biyya ani saba Israaʼeliif kennu kanatti hin galtu.”+
-