-
Nahimiyaa 10:38, 39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 “Yommuu Leewwonni kudhan keessaa tokko fudhatan, lubichi ilmi Aaron Leewwotaa wajjin taʼuu qaba; Leewwonni immoo kudhan keessaa tokko isa argatan keessaa, kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaatti,+ gara kutaawwan mana kuusaatti* geessuu qabu. 39 Israaʼelonnii fi ilmaan Leewwotaa buusiiwwan+ midhaanii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii gara kutaawwan mana kuusaa* kanaatti fiduu qabu;+ miʼawwan iddoo qulqulluu achi ni kaaʼamu; luboonni warri tajaajilan, karra eegdonnii fi faarfattoonnis achitti ni argamu. Nutis mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”+
-
-
Miilkiyaas 3:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Namni Waaqayyoon ni saamaa? Isin garuu na saamaa jirtu.”
Isinis, “Akkamitti si saamne?” jettu.
“Kurnoo fi buusii fiduu dhiisuudhaan na saamtan.
-