-
Nahimiyaa 10:37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Kana malees, firii jalqabaa midhaan+ daakamaa keenyaa, buusiiwwan keenya, firii mukaa+ akaakuu hundumaa, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ gara lubootaatti, gara kutaawwan mana kuusaa* mana Waaqa keenyaatti+ ni fidna; akkasumas Leewwonni warra magaalota qonnaa keenya hundumaa irraa kudhan keessaa tokko* fudhatan waan taʼaniif, oomisha lafa keenyaa irraa Leewwotaaf kudhan keessaa tokko ni kennina.+
-
-
Nahimiyaa 12:44Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
44 Guyyaa sanatti namoonni manneen kuusaa+ buusiiwwan,+ firiiwwan jalqabaa+ fi kurnoon+ itti walitti qabamu irratti ni muudaman. Isaanis akka Seerichi ajajutti+ gaʼee lubootaa fi Leewwotaaf+ ramadame maasiiwwan magaalota sanaa keessaa walitti qabanii achi keessa kaaʼuu qabu turan; sababiin isaas, lubootaa fi Leewwota warra tajaajilaniin kan kaʼe Yihudaa keessatti gammachuu guddaatu ture.
-