LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 27:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “‘Oomisha maasii irraa argamu keessaas taʼe firii mukeetii irraa argamu keessaa, wanti lafattii irraa argamu harka kudhan keessaa harki tokko*+ kan Yihowaa ti. Kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha.

  • Nahimiyaa 10:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Kana malees, firii jalqabaa midhaan+ daakamaa keenyaa, buusiiwwan keenya, firii mukaa+ akaakuu hundumaa, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ gara lubootaatti, gara kutaawwan mana kuusaa* mana Waaqa keenyaatti+ ni fidna; akkasumas Leewwonni warra magaalota qonnaa keenya hundumaa irraa kudhan keessaa tokko* fudhatan waan taʼaniif, oomisha lafa keenyaa irraa Leewwotaaf kudhan keessaa tokko ni kennina.+

  • Nahimiyaa 12:44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 44 Guyyaa sanatti namoonni manneen kuusaa+ buusiiwwan,+ firiiwwan jalqabaa+ fi kurnoon+ itti walitti qabamu irratti ni muudaman. Isaanis akka Seerichi ajajutti+ gaʼee lubootaa fi Leewwotaaf+ ramadame maasiiwwan magaalota sanaa keessaa walitti qabanii achi keessa kaaʼuu qabu turan; sababiin isaas, lubootaa fi Leewwota warra tajaajilaniin kan kaʼe Yihudaa keessatti gammachuu guddaatu ture.

  • Ibroota 7:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Dhugaa dha, akka Seerichaatti ilmaan Leewwii+ warri luboota taʼanii muudaman, isaanis akkuma isaanii sanyii Abrahaam* yoo taʼan iyyuu, sabicha irraa, jechuunis obboloota isaanii irraa kurnoo akka sassaaban ajajamanii turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi