-
Keessa Deebii 12:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+
-
-
Keessa Deebii 12:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kurnoo midhaan keetii, kurnoo daadhii wayinii kee isa haaraa, kurnoo zayitii keetii, loonii fi bushaayee kee keessaa warra jalqaba dhalatan,+ kennaawwan wareegaa kee warra wareegde kam iyyuu, kennaawwan kee warra fedhiidhaan dhiheessitu yookiin buusii harka kee irraa kennitu magaalota* kee keessatti akka nyaattu siif hin heyyamamu.
-
-
Keessa Deebii 15:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “Loonii fi bushaayee kee keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Waaqa kee Yihowaadhaaf qulqulleessi.+ Loon* kee keessaa isa jalqaba dhalateen hojii akkamii iyyuu hin hojjetin; bushaayee kee keessaa isa jalqaba dhalates rifeensa isaa hin murin. 20 Atii fi maatiin kee waggaa waggaadhaan bakka Yihowaan filatutti Waaqa kee Yihowaa duratti isa nyaadhaa.+
-