Baʼuu 13:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 “Israaʼelota gidduudhaa dhiira angafa taʼe* hundumaa anaaf qulqulleessi.* Nama keessaas taʼe horii keessaa dhiirri jalqaba dhalatu kan koo ti.”+ Baʼuu 22:30 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 30 Qotiyyoo fi hoolaa kee ilaalchisee akkana godhi:+ Guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaattis anaaf ni kennita.+ Lakkoofsa 3:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Sababiin isaas, angafni hundi kan koo ti.+ Ani guyyaan biyya Gibxii keessatti angafoota hundumaa rukutetti,+ namas taʼe horii angafoota Israaʼel keessa jiran hundumaa ofii kootiif qulqulleesseera.+ Isaan kan koo ni taʼu. Ani Yihowaa dha.” Lakkoofsa 18:15 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 15 “Namas taʼe horii uumamawwan jiraatoon* dura dhalatan+ warri isaan Yihowaadhaaf dhiheessan hundi kan kee ni taʼu. Haa taʼu malee, namoota keessaa warra dura dhalatan mamii tokko malee furi;+ horiiwwan xuraaʼoo keessaas warra dura dhalatan furuu qabda.+ Lakkoofsa 18:17 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 17 Jibicha dura dhalate yookiin xobbaallaa hoolaa kormaa dura dhalatee yookiin reʼee dura dhalate qofa hin furin.+ Isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi;+ coomni isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* taʼee akka aaru godhi.+
2 “Israaʼelota gidduudhaa dhiira angafa taʼe* hundumaa anaaf qulqulleessi.* Nama keessaas taʼe horii keessaa dhiirri jalqaba dhalatu kan koo ti.”+
30 Qotiyyoo fi hoolaa kee ilaalchisee akkana godhi:+ Guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaattis anaaf ni kennita.+
13 Sababiin isaas, angafni hundi kan koo ti.+ Ani guyyaan biyya Gibxii keessatti angafoota hundumaa rukutetti,+ namas taʼe horii angafoota Israaʼel keessa jiran hundumaa ofii kootiif qulqulleesseera.+ Isaan kan koo ni taʼu. Ani Yihowaa dha.”
15 “Namas taʼe horii uumamawwan jiraatoon* dura dhalatan+ warri isaan Yihowaadhaaf dhiheessan hundi kan kee ni taʼu. Haa taʼu malee, namoota keessaa warra dura dhalatan mamii tokko malee furi;+ horiiwwan xuraaʼoo keessaas warra dura dhalatan furuu qabda.+
17 Jibicha dura dhalate yookiin xobbaallaa hoolaa kormaa dura dhalatee yookiin reʼee dura dhalate qofa hin furin.+ Isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi;+ coomni isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhihaatuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* taʼee akka aaru godhi.+