LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 3:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Sababiin isaas, angafni hundi kan koo ti.+ Ani guyyaan biyya Gibxii keessatti angafoota hundumaa rukutetti,+ namas taʼe horii angafoota Israaʼel keessa jiran hundumaa ofii kootiif qulqulleesseera.+ Isaan kan koo ni taʼu. Ani Yihowaa dha.”

  • Lakkoofsa 18:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Namas taʼe horii uumamawwan jiraatoon* dura dhalatan+ warri isaan Yihowaadhaaf dhiheessan hundi kan kee ni taʼu. Haa taʼu malee, namoota keessaa warra dura dhalatan mamii tokko malee furi;+ horiiwwan xuraaʼoo keessaas warra dura dhalatan furuu qabda.+

  • Keessa Deebii 15:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Loonii fi bushaayee kee keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Waaqa kee Yihowaadhaaf qulqulleessi.+ Loon* kee keessaa isa jalqaba dhalateen hojii akkamii iyyuu hin hojjetin; bushaayee kee keessaa isa jalqaba dhalates rifeensa isaa hin murin.

  • Luqaas 2:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Kana malees, akka Seera Museetti yeroon isaan itti qulqullaaʼan yommuu gaʼu,+ mucicha Yihowaa* duratti dhiheessuuf gara Yerusaalemitti fidan; 23 kanas kan godhan akkuma Seera Yihowaa* keessatti, “Dhiirri jalqaba dhalatu hundi* Yihowaadhaaf* qulqulluu haa taʼu”+ jedhamee barreeffametti dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi