LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 13:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Israaʼelota gidduudhaa dhiira angafa taʼe* hundumaa anaaf qulqulleessi.* Nama keessaas taʼe horii keessaa dhiirri jalqaba dhalatu kan koo ti.”+

  • Baʼuu 13:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 dhiira angafa taʼe* hundumaa, akkasumas horii qabdu keessaa kormaa jalqaba dhalate hundumaa Yihowaadhaaf adda baasi. Dhiironni kun kan Yihowaa ti.+

  • Baʼuu 22:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Oomisha kee isa hedduu taʼee fi cuunfaa* kee isa irraa hafee dhangalaʼu irraa kennaa dhiheessuuf duubatti hin jedhin.+ Ilmaan kee keessaa isa angafaa anaaf ni kennita.+

  • Lakkoofsa 3:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Sababiin isaas, angafni hundi kan koo ti.+ Ani guyyaan biyya Gibxii keessatti angafoota hundumaa rukutetti,+ namas taʼe horii angafoota Israaʼel keessa jiran hundumaa ofii kootiif qulqulleesseera.+ Isaan kan koo ni taʼu. Ani Yihowaa dha.”

  • Lakkoofsa 8:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Sababiin isaas, Israaʼelota keessaa namnis taʼe horiin jalqaba dhalatu kan koo ti.+ Guyyaan biyya Gibxii keessatti angafa hundumaa rukutetti ofii kootiif isaan qulqulleeffadheera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi