-
Keessa Deebii 12:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+ 6 Aarsaawwan keessan warra gubaman,+ aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,*+ buusii harka keessan irraa kennitan,+ kennaawwan wareegaa keessan, kennaawwan keessan warra fedhiidhaan kennitan,+ akkasumas loonii fi bushaayee keessan keessaa warra jalqaba dhalatan achitti geessitu.+ 7 Waaqni keessan Yihowaan waan isin eebbiseef, isinis taatan maatiin keessan achitti Waaqa keessan Yihowaa duratti ni nyaattu;+ hojii keessan hundumaattis ni gammaddu.+
-