LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 23:40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 Guyyaa jalqabaatti firii mukeetii gaggaarii, dameewwan muka meexxii,+ dameewwan mukeetii baala hedduu qabanii fi alaltuuwwan sululaa* ni fudhattu; guyyaa torbaafis Waaqa keessan Yihowaa duratti+ ni gammaddu.+

  • Keessa Deebii 12:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Isinii fi ijoolleen dhiiraa keessan, ijoolleen durbaa keessan, garboonni keessan warri dhiiraa fi warri durbaa, akkasumas Leewwonni magaalota* keessan keessa jiraatan Waaqa keessan Yihowaa duratti ni gammaddu;+ sababiin isaas, Leewwotaaf isinii wajjin gaʼeen yookiin dhaalli hin kennamu.+

  • Keessa Deebii 12:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Atis taate ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, akkasumas Leewwonni magaalota* kee keessa jiraatan bakka Waaqni kee Yihowaan filatutti Waaqa kee Yihowaa duratti wantoota kana ni nyaattu;+ atis wanta hojjettu hundumaatti Waaqa kee Yihowaa duratti ni gammadda.

  • Keessa Deebii 14:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yeroo hundumaa Waaqa kee Yihowaa sodaachuu akka barattuufis,+ midhaan kee, daadhii wayinii kee isa haaraa fi zayitii kee keessaa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas loonii fi bushaayee kee keessaa isa dura dhalate, Waaqa kee Yihowaa duratti bakka maqaan isaa achi akka jiraatuuf filate keessatti ni nyaatta.+

  • Keessa Deebii 14:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Maallaqa sanaanis wanta barbaadde* akkamii iyyuu, jechuunis loon, hoolota, reʼoota, daadhii wayinii fi dhugaatii alkoolii kan biraa, akkasumas wanta barbaadde* kam iyyuu bitachuu dandeessa; atis maatii kee wajjin achitti Waaqa kee Yihowaa duratti ni nyaatta, ni gammaddas.+

  • Faarfannaa 32:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Isin qajeelonni Yihowaatti gammadaa, ililchaas;

      Isin warri garaa qajeelaa qabdan hundi ililchaa.

  • Faarfannaa 100:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa.+

      Ililchuudhaanis isa duratti dhihaadhaa.

  • Filiphisiyus 4:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas irra deebiʼeen dubbadha, gammadaa!+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi