LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 18:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Ati biyya isaanii keessatti dhaala hin qabaattu; lafti isaan gidduutti argamu kam iyyuu kan kee hin taʼu.+ Ani Israaʼelota gidduutti gaʼee kee fi dhaala kee ti.+

  • Lakkoofsa 18:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Sababiin isaas, ani kurnoo* sabni Israaʼel Yihowaadhaaf buusii godhan dhaalaan Leewwotaaf kenneera. ‘Isaan Israaʼelota gidduutti dhaala qabaachuu hin qaban’ kanan jedhes kanaafi.”+

  • Keessa Deebii 10:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Leewwiidhaaf obboloota isaa wajjin gaʼee yookin yookiin dhaalli kan hin kennamne kanaafi. Akkuma Waaqni kee Yihowaan isatti himetti, gaʼeen isaa Yihowaa dha.+

  • Keessa Deebii 14:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 “Yeroo hundumaa dhuma waggaa sadaffaatti oomisha waggaa sanaa hundumaa keessaa harka kudhan keessaa harka tokko fidiitii magaalota kee keessatti walitti qabi.+ 29 Waaqni kee Yihowaan wanta gootu hundumaa irratti akka si eebbisuuf,+ Leewwonni warri sii wajjin gaʼee n yookiin dhaalli isaaniif hin kennamne, namni biyya ormaa, daaʼimni abbaa hin qabnee* fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe warri magaalota kee keessa jiran dhufanii hamma quufanitti ni nyaatu.+

  • Iyyaasuu 13:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Inni dhaala kan hin kennine gosa Leewwotaatiif qofa ture.+ Akkuma inni waadaa isaaniif galetti,+ aarsaawwan Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ibiddaan dhihaatan dhaala isaanii ti.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi