20 Inni garuu ammas, “Hin darbitan”+ isaaniin jedhe. Achiis Edoom namoota hedduu fi raayyaa waraanaa cimaa qabatee isaan loluuf gad ni baʼe. 21 Akka kanaan Edoom Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf heyyamuu dide; kanaafuu, Israaʼel isa irraa ni deebiʼe.+