LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+

      “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+

  • Leewwota 23:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Yeroo booda biyya ani isiniif kennutti yommuu galtanii fi oomisha isaa yommuu haammattan, oomisha keessan irraa bissii* firii jalqabaa+ gara lubichaatti fiduu qabdu.+

  • Lakkoofsa 18:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Buusii anaaf godhamu irratti si muudeera.+ Wantoota qulqulluu Israaʼelonni akka gaʼee dhaabbataa taʼetti kennan hundumaa irraa qooda tokko sii fi ilmaan keetiif kenneera.+

  • Lakkoofsa 18:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Zayitii fi daadhii wayinii haaraa hunda irra caalu hundumaa, akkasumas firii jalqabaa+ midhaan isaanii isa isaan Yihowaadhaaf kennan siif nan kenna.+

  • 2 Seenaa Baraa 6:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Haa taʼu malee, maqaan koo achitti ulfina akka argatuuf Yerusaalemiin filadheera;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis Daawitiin filadheera.’+

  • 2 Seenaa Baraa 31:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ajajni kun akkuma kennameenis, Israaʼelonni midhaan, wayinii haaraa, zayitii+ fi damma, akkasumas oomisha maasii isaanii hundumaa keessaa firiiwwan jalqabaa baayʼinaan ni kennan;+ isaan wanta hundumaa keessaa kurnoo* baayʼinaan ni fidan.+

  • Fakkeenya 3:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun,+

      Oomisha* kee hundumaa keessaa firii isa jalqabaatiin*+ Yihowaadhaaf ulfina kenni;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi