LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+

      “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+

  • Leewwota 27:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 “‘Haa taʼu malee, namas taʼe horii yookiin maasii dhaalaan argame, wanti namni tokko qabeenya isaa keessaa mamii tokko malee Yihowaadhaaf adda baase* kam iyyuu gurguramuu yookiin deebifamee bitamuu hin dandaʼu. Wanti adda baafame kam iyyuu Yihowaadhaaf hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

  • Leewwota 27:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “‘Oomisha maasii irraa argamu keessaas taʼe firii mukeetii irraa argamu keessaa, wanti lafattii irraa argamu harka kudhan keessaa harki tokko*+ kan Yihowaa ti. Kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha.

  • Lakkoofsa 18:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Kennaawwan isaan aarsaawwan Israaʼelotaa warra sochoofaman+ hundumaa wajjin buusii godhanis+ kan kee ti. Ani wantoota kana siif, akkasumas ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra sii wajjin jiraniif gaʼee dhaabbataa godhee kenneera.+ Namni qulqulluun mana kee keessa jiru kam iyyuu isa nyaachuu ni dandaʼa.+

  • Lakkoofsa 18:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Akkana jedhii Leewwotatti himi: ‘Kurnoo isa dhaala keessan akka taʼuuf isaan irraa fudhadhee isiniif kenne Israaʼelota irraa ni fudhattu;+ isin immoo isa keessaa kurnoo isaa Yihowaadhaaf buusii gootanii ni kennitu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi