-
Iyyaasuu 8:30-32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Yeroo kanatti Iyyaasuun Gaara Eebaal+ irratti Yihowaa Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa tokko ni ijaare; 31 kunis, akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Israaʼelota ajajetti, akkasumas akkuma kitaaba Seera+ Musee keessatti, “Dhagaa hin bocamnee fi meeshaan sibiilaa hin tuqne irraa iddoo aarsaa tolchi”+ jedhamee barreeffametti dha. Isa irrattis Yihowaadhaaf aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan.+
32 Achittis inni dhagoota sana irratti garagalchii Seera+ Museen Israaʼelota duratti barreesse+ sanaa ni barreesse.
-