- 
	                        
            
            Lakkoofsa 32:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
33 Kanaafuu, Museen bulchiinsa Sihoon+ isa mootii Amoorotaa taʼe sanaa fi bulchiinsa Oog+ isa mootii Baashaan taʼe sanaa, jechuunis biyya isa naannoowwan sana keessatti qabeenya magaalota isaa taʼee fi magaalota biyya isa isatti marsee argamu sanaa isaaniif, jechuunis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeniif,+ akkasumas walakkaa gosa Minaasee+ isa ilma Yoseef taʼeef ni kenne.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Keessa Deebii 3:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Yeroo sanatti lafa kana dhaalaan ni fudhanne. Innis naannoo Aroʼer+ ishii Sulula* Arnoon biratti argamtu irraa jalqabee jiruu fi walakkaa naannoo gaarotaa Giiliyaad kan dabalatu ture; anis magaalota ishii Ruubenotaa fi Gaadotaaf nan kenne.+ 13 Kutaa Giiliyaad isa hafee fi guutummaa Baashaan isa bulchiinsa Oog taʼe immoo walakkaa gosa Minaaseetiif nan kenne.+ Guutummaan naannoo Argoob inni kan Baashaan taʼe biyya Refaayim jedhama ture.
 
 -