-
Lakkoofsa 21:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24 Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine.
-
-
Keessa Deebii 2:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 “Achiis Yihowaan, ‘Kunoo, ani ammuma iyyuu Sihoonii fi biyya isaa siif kennuu jalqabeera. Biyya isaa dhaalaan fudhachuu jalqabi’+ naan jedhe.
-