-
Iyyaasuu 9:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Mootonni warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin argaman+ hundi, warri naannoo gaarotaa keessa, Shefelaa keessa, akkasumas guutummaa qarqara Galaana Guddaa*+ fi Libaanon fuullee jiraatan, jechuunis Heetonni, Amooronni, Kanaʼaanonni, Pheriizonni, Hiiwwonnii fi Yebuusonni+ wanta taʼe yommuu dhagaʼan, 2 Iyyaasuu fi Israaʼeliin waraanuuf tokkummaa uuman.+
-
-
Iyyaasuu 9:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yeroo kanatti akkana isaan jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee kabaja maqaa Waaqa kee Yihowaatiif qabnuun kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufne;+ sababiin isaas, nuti waaʼee beekamummaa isaa fi wanta inni biyya Gibxii keessatti raawwate hundumaa dhageenyeerra;+ 10 akkasumas, wanta inni mootota Amoorotaa lamaan warra Yordaanos gamatti* argaman, jechuunis Sihoon+ mootii Heshboonii fi Oog+ mootii Baashaan isa Ashtaarot keessa ture irratti raawwate hundumaa dhageenyeerra.
-