LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 21:21-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Achiis Israaʼel akkana jechuudhaan Sihoon isa mootii Amoorotaa taʼetti ergamtoota erge:+ 22 “Biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami. Maasii midhaanii yookiin maasii wayinii kamitti iyyuu hin gorru. Boolla bishaanii kam iyyuu keessaa bishaan hin dhugnu. Hamma biyya kee keessaa baanutti Daandii Mootichaa qabannee deemna.”+ 23 Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24 Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine.

  • Keessa Deebii 2:32-34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Sihoon guutummaa saba isaa wajjin Yaahaazitti nu loluuf yommuu baʼetti,+ 33 Waaqni keenya Yihowaan harka keenyatti dabarsee isa kenne; nutis isa, ilmaan isaa fi guutummaa saba isaa ni injifanne. 34 Yeroo sanatti magaalota isaa hundumaa ni qabanne; dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dabalatee magaalaa hundumaa guutummaatti ni balleessine. Nama tokko illees lubbuudhaan hin hambisne.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi