-
Abbootii Murtii 3:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yommuu Israaʼelonni gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatanis,+ Yihowaan Israaʼelota oolchuuf fayyisaa tokko isaaniif kaase;+ innis Otniʼel+ ilma Qeenaaz yeroo taʼu, Qeenaaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu dha. 10 Hafuurri Yihowaa isa irra ni buʼe;+ innis abbaa murtii Israaʼel taʼe. Yommuu inni waraanaaf baʼuttis Yihowaan Kuushaan Rishaataayim isa mootii Mesophotaamiyaa* taʼe harka isaatti dabarsee kenne; innis Kuushaan Rishaataayim irratti injifannoo argate. 11 Sana booda biyyattiin waggaa 40f boqonnaa* argatte. Achiis Otniʼel ilmi Qeenaaz ni duʼe.
-