-
Lakkoofsa 11:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Jaarsolii Israaʼel keessaa namoota jaarsolii fi abbootii taayitaa sabichaa+ taʼuu isaanii beektu* 70 walitti naaf qabi; achiis gara dunkaana walgaʼiitti isaan fidiitii sii wajjin achi akka dhaabbatan godhi. 17 Anis gad buʼee+ achitti sii wajjin nan dubbadha;+ hafuura isa si irra jiru irraa muraasa fuudhees+ isaan irra nan kaaʼa; isaanis ati kophaa kee akka hin baanneef, baʼaa sabichaa baachuu irratti si gargaaru.+
-
-
Abbootii Murtii 14:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaafuu, Saamson abbaa isaa fi haadha isaa wajjin gara Timnaatti gad buʼe. Maasii wayinii Timnaatti argamu bira yommuu gaʼus, kunoo, leenci* tokko baroodaa isatti dhufe. 6 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis akkuma namni tokko xobbaallaa reʼee bakka lamatti addaan baasutti harka isaa duwwaa bakka lamatti addaan isa baase. Haa taʼu malee, inni wanta godhe abbaa isaattis taʼe haadha isaatti hin himne.
-
-
1 Saamuʼel 11:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Saaʼol yommuu wanta kana dhagaʼu hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne;+ innis aariidhaan ni gubate.
-
-
2 Seenaa Baraa 15:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Hafuurri Waaqayyoo gara Azaariyaa ilma Odeed ni dhufe.
-