-
Baʼuu 19:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guyyaa sadaffaatti Yihowaan guutummaan sabichaa utuma ilaaluu Gaara Siinaa irratti waan gad buʼuuf, isaan guyyaa sadaffaadhaaf haa qophaaʼan.
-
-
Baʼuu 25:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Anis achitti sitti nan mulʼadha; qadaadicha gubbaa irraas sii wajjin nan dubbadha.+ Kiruubelota lamaan warra taabota Dhugaa Baatuu sana irra jiran gidduudhaa ajajawwan Israaʼelotaaf dabarsitu hundumaa sin beeksisa.
-
-
Lakkoofsa 12:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yihowaanis utubaa duumessaa keessaan gad ni buʼe;+ achiis balbala dunkaanichaa dura dhaabbatee Aaronii fi Miiriyaamiin ni waame. Lamaan isaaniis gara fuulduraatti ni baʼan.
-