-
Abbootii Murtii 3:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yommuu Israaʼelonni gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyatanis,+ Yihowaan Israaʼelota oolchuuf fayyisaa tokko isaaniif kaase;+ innis Otniʼel+ ilma Qeenaaz yeroo taʼu, Qeenaaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu dha. 10 Hafuurri Yihowaa isa irra ni buʼe;+ innis abbaa murtii Israaʼel taʼe. Yommuu inni waraanaaf baʼuttis Yihowaan Kuushaan Rishaataayim isa mootii Mesophotaamiyaa* taʼe harka isaatti dabarsee kenne; innis Kuushaan Rishaataayim irratti injifannoo argate.
-
-
Abbootii Murtii 14:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaafuu, Saamson abbaa isaa fi haadha isaa wajjin gara Timnaatti gad buʼe. Maasii wayinii Timnaatti argamu bira yommuu gaʼus, kunoo, leenci* tokko baroodaa isatti dhufe. 6 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis akkuma namni tokko xobbaallaa reʼee bakka lamatti addaan baasutti harka isaa duwwaa bakka lamatti addaan isa baase. Haa taʼu malee, inni wanta godhe abbaa isaattis taʼe haadha isaatti hin himne.
-
-
1 Saamuʼel 10:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kanaafuu, isaan achii kaʼanii gara tabba sanaatti qajeelan; gareen raajotaa tokkos isaanitti dhufe. Yeruma sanattis hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne;+ innis isaanii wajjin raajii dubbachuu jalqabe.+ 11 Namoonni duraan isa beekan hundi utuu inni raajotaa wajjin raajii dubbatuu yommuu isa argan, “Ilmi Qiish maal taʼe? Saaʼolis raajota keessaa tokko dhaa?” waliin jedhan.
-