-
Baʼuu 13:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Tarii yeroo booda ilmi kee, ‘Kun hiika maalii qaba?’ jedhee yoo si gaafate, ati immoo akkana jettee isatti himta: ‘Yihowaan harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa nu baase.+
-
-
Keessa Deebii 6:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Gara fuulduraatti ilmi kee, ‘Hiikni yaadachiisawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Waaqni keenya Yihowaan isin ajaje kanaa maali dha?’ jedhee yommuu si gaafatu, 21 ilma keetiif akkana jettee deebista: ‘Nuti biyya Gibxii keessatti Faraʼooniif garboota turre; Yihowaan garuu harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa nu baase.
-