LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Wantoota ijji keessan arge kana akka hin irraanfannee fi umurii keessan guutuu garaa keessan keessaa akka hin badneef of eeggadhaa;* dammaqoos taʼaa. Ijoollee keessanii fi ijoollee ijoollee keessanittis beeksisaa.+

  • Keessa Deebii 6:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+

  • Keessa Deebii 6:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 ilma keetiif akkana jettee deebista: ‘Nuti biyya Gibxii keessatti Faraʼooniif garboota turre; Yihowaan garuu harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa nu baase.

  • Keessa Deebii 11:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 “Isinis dubbiiwwan koo kana garaa keessanittii fi lubbuu* keessanitti qabadhaa; harka keessan irrattis akka yaadannootti hidhadhaa; isaan adda keessan irratti* akka marata mataa haa taʼan.+ 19 Mana keessan keessa yommuu teessan, daandii irra yommuu deemtan, yommuu ciistanii fi yommuu kaatan waaʼee isaanii dubbachuudhaan ijoollee keessan barsiisaa.+

  • Iyyaasuu 4:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 innis isin gidduutti mallattoo taʼee ni tajaajila. Yeroo booda ijoolleen* keessan, ‘Dhagoota kana as kan keessan maaliifi?’+ jedhanii yoo isin gaafatan, 7 akkana jedhaa isaanitti himaa: ‘Akkana kan goone, bishaan Yordaanos taabota+ kakuu Yihowaa duratti waan dhaabbateefi. Taabotichi Yordaanosiin yommuu ceʼetti, bishaan Yordaanos ni dhaabbate. Dhagoonni kunis saba Israaʼeliif yaadannoo* dhaabbataa taʼanii tajaajilu.’”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi