-
Keessa Deebii 6:6-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+ 8 Akka yaadannootti harka kee irratti isaan hidhadhu; adda kee irrattis* akka marata mataa siif haa taʼan.+ 9 Maqaaniiwwan mana keetii fi karrawwan kee irratti isaan barreessi.
-