Keessa Deebii 6:6, 7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+ Fakkeenya 3:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Yaa ilma koo, adaba Yihowaa hin didin,+Sirreeffama isaas hin jibbin.+ Fakkeenya 19:18 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabi,+Duʼa isaatiifis itti gaafatamaa hin taʼin.*+ Fakkeenya 22:6 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Daaʼima* karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;+Innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.+
6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+