-
1 Mootota 18:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Kanaafuu, isaan jibicha isaaniif kenname fudhatanii ni qopheessan; achiis, “Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!” jedhanii ganamaa jalqabee hamma waareetti maqaa Baʼaal waammachuu isaanii itti fufan. Haa taʼu malee, sagaleen hin turre; qaamni isaaniif deebii kennes hin turre.+ Isaan okkolaa iddoo aarsaa ijaaran sanatti naannaʼuu isaanii itti fufan. 27 Gara waareettis Eeliyaas, “Sagalee keessan ol kaasaatii iyyaa! Silaa inni waaqa dha!+ Tarii yaadaan fudhatameera yookiin mana boolii* dhaqeera taʼa.* Yookiin rafee taʼuu waan dandaʼuuf namni isa dammaqsu isa barbaachisa taʼa!” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe.
-
-
Faarfannaa 115:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+
Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;
-