-
Daaniʼel 5:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Kanaa mannaa, Gooftaa samii irratti ol of qabde;+ miʼawwan mana isaa akka siif fidanis ni goote.+ Achiis ati, guguddoonni kee, saajjatoonni kee fi haadhotiin manaa kee warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugdanii waaqolii meetii, warqii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa tolfaman warra homaa hin argine, hin dhageenyee fi hin beekne jajattan.+ Waaqa isa hafuurri kee fi daandiiwwan kee hundi harka isaa keessa jiruuf garuu ulfina hin kennine.+
-
-
Anbaaqom 2:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Fakkiin bocame inni namaan tolfame,
Faayidaa maalii qaba?
Waaqolii gatii hin qabne warra dubbachuu hin dandeenye tolchuudhaan,
Inni isa tolche yoo isatti amaname illee,
Siidaan sibiilaa* fi barsiisaan sobaa faayidaa maalii qabu?+
19 Isa mukaan, “Dammaqi!”
Yookiin dhagaa dubbachuu hin dandeenyeen, “Kaʼi! Nu barsiisi!” jedhuuf wayyoo!
-