-
Faarfannaa 115:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,
Warra hojii harka namaa taʼani dha.+
-
-
Isaayyaas 46:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Warri boorsaa isaanii keessaa warqii harcaasan jiru;
Isaan madaallii irratti meetii ni madaalu.
Nama sibiila tumu ni mindeessu, innis waaqa godhee isa tolcha.+
Achiis isaaf ni sagadu, eeyyee, isa ni waaqeffatu.*+
7 Ol kaasanii gateettii isaanii irra kaaʼatu;+
Isa baatanii iddoo isaa irra isa kaaʼu, innis achuma dhaabbata.
Iddoo isaatii hin sochoʼu.+
Isaan gara isaatti ni iyyu, inni garuu deebii hin kennu;
Eenyuun iyyuu dhiphina irraa oolchuu hin dandaʼu.+
-