LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 18:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Kanaafuu, isaan jibicha isaaniif kenname fudhatanii ni qopheessan; achiis, “Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!” jedhanii ganamaa jalqabee hamma waareetti maqaa Baʼaal waammachuu isaanii itti fufan. Haa taʼu malee, sagaleen hin turre; qaamni isaaniif deebii kennes hin turre.+ Isaan okkolaa iddoo aarsaa ijaaran sanatti naannaʼuu isaanii itti fufan.

  • Isaayyaas 37:37, 38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Kanaafuu, Senaaheriib mootiin Asoor bakka sana gadhiisee deeme; gara Nanawweetti+ deebiʼees achi taaʼe.+ 38 Utuma inni mana* waaqa isaa Nisrookitti sagadaa jiruus ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer goraadeedhaan isa ajjeesanii+ gara biyya Araaraatitti+ baqatan. Ilmi isaa Eesaar Hadoonis+ bakka isaa mootii taʼe.

  • Yoonaas 1:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Warri doonicha irraa hojjetanis baayʼee waan sodaataniif, tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaanii waammachuu jalqaban. Achiis baʼaa isaa salphisuuf jedhanii miʼawwan doonicha irra jiran gara galaanichaatti daddarbachuu jalqaban.+ Yoonaas garuu gara kutaa doonichaa isa keessaatti* gad buʼee achi ciise; hirribni cimaanis isa fudhatee ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi