LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 13:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Boodas dubartittiin ilma ni deesse; maqaa isaas Saamson+ jettee moggaaste; yommuu mucichi guddachaa deemuttis Yihowaan isa eebbisuu isaa ittuma fufe. 25 Yeroo boodas Mahaane Daan+ ishii Zoraa fi Eeshtaaʼol+ gidduutti argamtu keessatti hafuurri Yihowaa isa kakaasuu jalqabe.+

  • Abbootii Murtii 14:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis akkuma namni tokko xobbaallaa reʼee bakka lamatti addaan baasutti harka isaa duwwaa bakka lamatti addaan isa baase. Haa taʼu malee, inni wanta godhe abbaa isaattis taʼe haadha isaatti hin himne.

  • Abbootii Murtii 15:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yommuu inni gara Lehii dhufus Filisxeemonni isa argachuu isaaniitiin miira injifannootiin ni iyyan. Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ wadaroon harka isaa irra jirus akkuma foʼaa quncee talbaa ibiddaan gubatee taʼe; hidhaan sunis harka isaa irraa baqee ni harcaʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi