LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 14:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kanaafuu, Saamson abbaa isaa fi haadha isaa wajjin gara Timnaatti gad buʼe. Maasii wayinii Timnaatti argamu bira yommuu gaʼus, kunoo, leenci* tokko baroodaa isatti dhufe. 6 Yeroo kanatti hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis akkuma namni tokko xobbaallaa reʼee bakka lamatti addaan baasutti harka isaa duwwaa bakka lamatti addaan isa baase. Haa taʼu malee, inni wanta godhe abbaa isaattis taʼe haadha isaatti hin himne.

  • Abbootii Murtii 14:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ innis gara Ashqaloonitti+ gad buʼee namoota isaanii 30 ajjeesee uffata isaanii fudhate; uffata guutuu sanas warra deebii hibboo sanaa deebisaniif ni kenne.+ Gara mana abbaa isaatti yeroo deebiʼus baayʼee aaree ture.

  • Abbootii Murtii 15:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yommuu inni gara Lehii dhufus Filisxeemonni isa argachuu isaaniitiin miira injifannootiin ni iyyan. Achiis hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne;+ wadaroon harka isaa irra jirus akkuma foʼaa quncee talbaa ibiddaan gubatee taʼe; hidhaan sunis harka isaa irraa baqee ni harcaʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi