-
Iyyaasuu 13:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Biyyi hafe kana dha:+ naannoowwan guutummaa Filisxeemotaa fi guutummaa Geeshurotaa+ 3 (damee Abbayyaa* isa Gibxii irraa kallattii bahaatti* argamu irraa hamma kallattii kaabaatiin daangaa Eqroon isa naannoo Kanaʼaanotaa+ akka taʼetti ilaalamaa turetti), akkasumas gooftolii Filisxeemotaa+ shanan, jechuunis Gaazota, Ashdoodota,+ Ashqaloonota,+ Gaatotaa+ fi Eqroonota;+ naannoo Awiim+
-
-
1 Saamuʼel 6:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yeroo kanatti isaan, “Aarsaa yakkaaf dhihaatu akkamii isaaf erguu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii akkana jedhan: “Dhaʼichi isiniinis taʼe bulchitoota keessan rukute kan wal fakkaatu waan taʼeef, akka lakkoofsa bulchitoota Filisxeemotaatti+ kormammuu* warqii shanii fi hantuuta warqii shan ergaa.
-