-
1 Saamuʼel 1:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Akkana jettees ni wareegde:* “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, dhiphina ana tajaajiltuu teetii ilaaltee yoo na yaadatte, tajaajiltuu tee utuu hin irraanfatinis mucaa dhiiraa yoo ishiidhaaf kennite,+ yaa Yihowaa ani immoo bara jireenyaa isaa guutuu isa siif nan kenna; haadduunis mataa isaa hin tuqu.”+
-
-
1 Saamuʼel 2:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Elqaanaan gara mana isaa isa Raamaatti argamuu dhaqe; mucichi garuu qajeelfama Eelii lubichaa jalatti tajaajilaa Yihowaa taʼe.+
-
-
2 Seenaa Baraa 31:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Kunis dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi isaa ol taʼe, warra akka hidda dhalootaa isaaniitti galmeeffaman, warra guyyaa guyyaadhaan mana Yihowaa keessatti tajaajiluu fi hojiiwwan garee isaanii raawwachuuf dhufaniif kennamuun ala ture.
-