-
1 Saamuʼel 13:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yeroo kanatti Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati hojii gowwummaa hojjetteetta. Ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef hin ajajamne.+ Utuu ajajamteetta taʼee, Yihowaan mootummaan kee Israaʼel irratti bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu ni godha ture.
-
-
1 Saamuʼel 15:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Saamuʼel garuu Saaʼoliin, “Ati dubbii Yihowaa tuffatteetta; Yihowaanis Israaʼel irratti mootii taatee akka itti hin fufne si tuffateera; kanaafuu, ani sii wajjin hin deebiʼu” jedhe.+
-
-
1 Saamuʼel 31:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne+ kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+
-